Jijjiirama Bu'uuraa Seera Itoophiyaa Keessatti: Xiinxala Irra Gubbaa Seera Sirna Deemsa Falmii fi Ragaa Yakkaa Haaraa Labsii 1410/2018
Barruun Gabaaban kuni Seera Haaraa Sirna Adeemsa Falmii Yakkaa fi Seera Ragaa Labsii 1410/2018 Guyyaa Kaleessa Bitootessa 24/2018 ALI Mana Maree Bakka'uoota Ummataa Itopphiyaatiin raggasifame irratti Xiinxala Irra gubbaa bilchaataa ta'e dhiyeessa
Deputy Manging Partner

Jijjiirama Bu'uuraa Seera Itoophiyaa Keessatti: Xiinxala Irra Gubbaa Seera Sirna Deemsa Falmii fi Ragaa Yakkaa Haaraa Labsii 1410/2018
Obbo Sulxaan Qaasim, Ogeessa Seeraa Olaanaa, Dhaabbata Tajaajila Seeraa fi Abukaatummaa Faanaa Irraa
Bitootessa 25/2018 ALI, Finfinnee
Cuunfaa Ijoo Dubbii
Bitootessa 24, bara 2028 ALI, Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa (MMBBU) Itoophiyaa Seera Sirna Deemsa Falmii fi Ragaa Yakkaa haaraa Labsii Lakk 1410/2018 raggaasuun seenaa seeraa biyyattii keessatti boqonna haaraa baneera. Tarkaanfiin seera baasuu guddaan kun, Seera Sirna Deemsa Falmii Yakkaa bara mootummaa Hayile Sillasee (Bara 1961 ykn 1954 ALI bahe) kan waggoota jaatamman darban mannee murtii keenya gaggeessaa ture guutummaatti haqeera.
Ogeeyyii seeraa, dhaabbilee daldalaa (corporate entities), fi ummata Itoophiyaa bal'aaf, kun fooyya'iinsa salphaa osoo hin taane, haaromsa sirna haqaa bu'uuraati. Seerri haaraan kun dhimmoota sirna deemsa falmii fi seera ragaa waliin qindeessee of keessatti qabateera. Maloota qorannoo ammayyaa seeraan beekamtii kennuun, dhimmoota yakkaa keessatti Mala Filannoo Furmaata Walitti Bu'iinsaa (ADR) hojiirra oolchuun, fi eegumsa mirgoota namoomaa heeraan tumaman cimsuun, Itoophiyaan sirna haqaa yakkaa ishee ulaagaa idil-addunyaa sadarkaa olaanaa waliin akka walsimu taasisteetti.
Dhaabbata Tajaajila Seeraa Faanaa keessatti akka Ogeessa Seeraa Olaanaatti, adeemsa wixinee seera kanaa dhiyeenyatiinan hordofaa ture. Barreeffama kana keessatti, jijjiiramoota bu'uuraa (paradigm shifts) seera seenaaqabeessa kana keessatti hammataman nan xiinxala; hanqinaalee seera bara 1961 waliin walbira qabuun, maamiltoota keenya fi hawaasa seeraa bal'aaf faayidaa tarsiimoowwan inni qabu nan agarsiisa.
Seenaa Duubee: Seera Bara 1961 fi Dhugaa Bara 2018
Seerri Sirna Deemsa Falmii Yakkaa bara 1961, bara interneetiin, sirni faayinaansii daangaa ce'u, fi yakki gurmaa'aan ammayyaa hin jirretti kan bahedha. Mannee murtii Itoophiyaatiif caasaa bu'uuraa kan kenne ta'us, jaarraa 21ffaa keessatti hanqinaaleen isaa ifatti mul'ataniiru.
Hanqinni guddaan seera dulloomaa kanaa dhimma seera ragaa irratti callisuu isaa ture. Itoophiyaan seera ragaa guutuu waan hin qabneef, manneen murtii tumsa seera hariiroo hawaasaa, yakkaa fi aadaa keessatti bittataman ykn qajeeltoowwan seera ragaa 'Common Law' fayyadamuuf dirqamaa turan. Dabalataanis, seerri bara 1961 ragaa elektirooniksii, yakka faayinaansii xaxamaa (white-collar crimes), ykn tumsa seeraa idil-addunyaa keessummeessuuf afaan sirnaa hin qabu ture. Seerichi baay'ee cimaa waan tureef, mala filannoo furmaata haqaa (ADR) heyamuu dhabuun isaa mannee murtii keessatti kuusaa dhimmootaa (case backlog) guddaaf sababa ta'eera.
Seerri haaraan bara 2018 hanqina waggoota jaatamman kanaa ni guuta. Innis xaxama yakka ammayyaa kan furu, teeknooloojii kan yaada keessa galche, fi mirga namoomaa giddugaleessa kan godhateedha.
Kalaqoota Ijoo fi Xiinxala Walbiraa
Seerri Sirna Deemsa Falmii fi Ragaa Yakkaa haaraan Labsii 1410/2018 yaadolee warraaqsaa sirna haqaa yakkaa Itoophiyaa bifa jijjiiran hedduu of keessatti hammateera.
1. Walitti Makamuu Seera Ragaa (Kitaaba 5ffaa)
Seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif, seerri sirna deemsaa fi ulaagaaleen ragaa sanada seeraa tokko keessatti walsimataniiru. Kitaaba 5ffaa seera haaraa kana jalatti, fudhatamummaa ragaa (Keeyyata. 251-254), dirqamaa fi sadarkaa mirkaneessuu (Keeyyata. 288), akkasumas sirni dhagahiinsa ragaa ifatti tumameera.
- Ragaa Elektirooniksii (Keeyyata. 283–284): Seera 1961 keessatti fudhatamummaan ragaa diijiitaalaa (digital data) baay'ee falmisiisaa fi ifa hin turre. Seerri haaraan ragaa elektirooniksiif seera qabeessummaa, sirrummaa fi fudhatamummaa isaa murteessuuf raamoo ifa ta'e kaa'eera. Kunis yakka daldalaa fi saayibarii (cybercrimes) ammayyaa himachuu fi ittisuuf tarkaanfii guddaadha.
- Dhoorkaa Fudhatamummaa Ragaa: Seerichi ragaa dirqisiisuun ykn dararaan (torture) argame kamiyyuu fudhatama akka hin qabne (Keeyyata. 252) ifatti dhoorka.
2. Mala Filannoo Furmaata Walitti Bu'iinsaa Dhimma Yakkaa Keessatti (ADR)
Garaagarummaan inni guddaan seera 1961 irraa qabu, dhiphina mannee murtii hir'isuu fi haqaa hirmaachisaa ta'e fiduuf jecha, dhimmoonni yakkaa sirna idilee mannee murtii alatti akka furaman (Keeyyata. 155–187) heyamamuusaati.
- Waliigaltee Balleessaa Amanuu (የጥፋተኝነት ድርድር - Keeyyata. 162-172): Seerri haaraan Balleessa Amananii waliigaltee himmannaa jijjirsissuu "Plea Bargaining" ifatti beeksiseera. Himatamaan balleessaa isaa fedhiidhaan yoo amane, abbaan alangaa fi abukaatoon ittisaa baay'ina himannaa, gosa himannaa ykn hanga adabbii irratti walii galuu danda'u. Kunis keessumaa yakka dhaabbilee (corporate) fi faayinaansii keessatti tarsiimoo falmii irratti jijjiirama guddaa fida.
- Araara (ዕርቅ - Keeyyata. 157-161): Yakkoota iyyannoo dhuunfaan adabsiisanii fi salphaa ta'aniif, miidhamtoonnii fi himatamtoonni dhimma isaanii araaraan akka xumuratan seerichi ni heyyama.
- Sirna Aadaa (ባሕላዊ ስርዓቶች - Keeyyata. 173-179): Mirgoota namoomaa bu'uuraa hanga hin cabsineetti (fkn, miidhaa saalaa aadaan xumuruun dhoorkaadha), yakkoota murtaa'an sirna aadaa hawaasaatiin akka furaman seerichi beekamtii kenneera.
3. Maloota Qorannoo Ammayyaa (Keeyyata. 94–101)
Seerri 1961 yakka gurmaa'aa xaxamaa ta'e irratti beekumsa hin qabu ture. Seerri haaraan kun poolisii fi abbaa alangaaf, hordoffii manneen murtii cimaa ta'e jalaatti aangoowwan qorannoo addaa kenneera.
- Hordoffii Elektirooniksii fi Xalafaa Bilbilaa: Shororkeessummaa, daldala namootaa seeraan alaa, malaammaltummaa fi maallaqa seeraan alaa daddabarsuu (money laundering) ittisuuf (Keeyata. 95), qorattoonni ajaja mana murtii (Keeyyata. 96) baasuun, quunnamtii butuu, sagalee fi suura waraabuu fi qorannoo dhoksaa (undercover operations) gaggeessuuf aangoon kennameefira.
4. Mirgoota Namoomaa fi Sirna Haqaa (Due Process)
Seerri haaraan kun kabaja ilmaan namootaa giddugaleessa adeemsa yakkaa taasiseera (Keeyyata. 4–17).
- Abukaatoodhaan Bakka Bu'amuu (Keyyata. 10): Himatamtoota harka qalleeyyii ta'aniif baasii mootummaatiin abukaatoon akka dhaabbatuuf seerichi ni dirqisiisa.
- Dararaan Dhoorkamuu Isaa (Keeyyata. 9): Yeroo qorannoo fi hidhaatti dararaa (torture) fi qabiinsa kabaja namoomaa tuqu seerichi ifatti ni dhoorka.
- Mirga Wabii (Kitaaba 3ffaa): Seerichi haalota wabiin itti heyamamu, dhoorkamuu fi daangeffamu ifatti kaa'uun hidhaa seeraan alaa ni ittisa.
5. Tumsa Idil-addunyaa fi Dabaranii Kennuu (Kitaaba 8ffaa)
Bara yakki daangaa ce'u kanatti, seerri haaraan (Keeyyata. 384–427) tumsa seeraa idil-addunyaa Itoophiyaa ammayyeesseera.
- Dabaranii Kennuu (Extradition) fi Tumsa Seeraa: Namoota barbaadaman dabaranii kennuu (Keeyyata. 406-424), adeemsa murtii dabarsuu fi qabeenya sadarkaa idil-addunyaatti ugguruu ilaalchisee hojimaanni ifa ta'e taa'eera.
- Murtiiwwan Biyya Alaa Raawwachiisuu (keeyyata. 404): Murtiiwwan yakkaa fi ajaja qabeenya dhaaluu mannee murtii biyya alaatiin kennaman daangaa Itoophiyaa keessatti beekamtii kennuu fi raawwachiisuuf bu'uurri seeraa taa'eera.
Dhiibbaa Inni Ogeeyyii Seeraa fi Maamiltoota Irraan Ga'u
Raggaasifamuun seera kanaa fooyya'iinsa tiyoorii qofa osoo hin taane, karaa hojiin daldalaa fi seeraa Itoophiyaa keessatti itti hojjetamu hatattamaan kan jijjiiru warraaqsa qabatamaadha.
Dhaabbilee Daldalaa fi Abbootii Qabeenyaaf:
Fudhatamummaa ragaan elektirooniksii (የኤሌክትሮኒክ ማስረጃ) ifatti argachuu isaa irraan kan ka'e, imaammanni qabiinsa daataa dhaabbilee (data retention policies) hatattamaan irra deebi'amee ilaalamuu qaba. Imeelota, galmeewwan herregaa diijiitaalaa, fi loogiiwwan appilikeeshinii amma sadarkaa ragaa cimaa argataniiru.
Ittisa Yakka Waayit-Kolaarii (White-Collar Crime):
Falmiin Balleessaa Amanuufi waliigaltee gochuu (Plea Bargaining) eegaluun isaa, hooggantoota dhaabbilee fi kubbaaniyyoota qorannoo faayinaansiif saaxilamanif karaa ba'iinsaa tarsiimoowaa guddaa bana. Dhaabbata Tajaajila Seeraa Faanaa keessatti, adeemsi araaraa kun maqaa gaarii daldalaa fi bilisummaa dhuunfaa maamiltoota keenyaa eeguuf ogummaa xiinxalaa fi dandeettii marii olaanaa kan gaafatu damee abukaatummaa addaa ta'a jennee amanna.
Xumura fi Waamicha Tarkaanfii
Seerri Sirna Deemsa Falmii fi Ragaa Yakkaa Labsii 1410 bara 2018 raggaasifamuun isaa injifannoo ijaarsa seeraa ammayyaati. Itoophiyaan hudhaa seeraa bara 1961 of irraa darbuun, dhugaa qabatamaa jaarraa 21ffaa waliin of simateetti.
Cehumsa seeraa gadi fago ta'e kana keessa darbuun beekumsa seeraa olaanaa gaafata. Dhaabbata Tajaajila Seeraa Faanaa keessatti, guddina seeraa kana keessatti adda dureen argamna. Abukaatoowwan fi gorsitoonni seera dhaabbilee keenya muuxannoo olaanaa qaban, seera haaraa kana keessatti isinii fi dhaabbata keessan qajeelchuuf guutummaatti qophiidha. Qabiinsa daataa diijiitaalaa sirreessuu yoo barbaaddan, qorannoo yakka faayinaansii xaxamaa ta'eef ittisa tarsiimoowaa yoo barbaaddan, furmanni isaa nu bira jira.
Mirga keessan, daldala keessan, fi jireenya keessan gara fuulduraa bara seeraa haaraa kana keessatti eeggadhaa. Dhiibbaa Seerri Sirna Deemsa Falmii fi Ragaa Yakkaa haaraan isinii fi dhaabbata keessan irratti fidu ogeeyyii keenya waliin mari'achuuf har'uma Dhaabbata Tajaajila Seeraa fi Abukaatummaa Faanaa quunnamaa.
Dhaabbata Tajaajila Seeraa Faanaa — Daandii Haqaa Ifoomsa!
Fuula Maarsariitii Kyeeny: www.faanalawfirm.com
Fuula Telegaam Keenya: https://t.me/faanalawfirm
Fuula Facebook Keenya: Faana Lawfirm hordofaa

